Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lammiileen Indooneezhiyaa miliyoonaan lakkaa’aman hooggantoota haaraa filachuuf sagalee kennu jalqaban

ONM-ABO Guraandhala 14, 2024

Lammiileen Indooneezhiyaa miliyoonaan lakkaa’aman Roobii har’aa gara buufata filannootti qajeeluun filannoo pirezidaantii, biyyoolessaa fi naannoo biyyattii irratti sagalee isaanii kennuu eegalan.

Filannoon sa’aatii 7 a.m. irratti kan baname yoo ta’u, magaalaa guddoo Jaakaartaa fi kutaalee biyyattii biroo keessatti rooba cimaa roobee jira, haa ta’u malee filannoo kun sa’aatii 1 p.m. irratti akka cufamu saganteeffameera.

Namoonni miliyoona 204 ol ta’an pirezidaantii biyyattii itti aanu, itti aanaa pirezidaantii fi miseensota mana maree paarlaamaa akkasumas miseensota qaamolee seera baastoota naannoo filachuuf sagalee kennuu danda’u.

Ministirri Ittisaa Piraabowo Subiyaantoo, bulchaan duraanii Giddugaleessa Jaavaa Ganjar Piraanowo fi bulchaan duraanii Jaakaartaa Aniyees Baswedan pirezidaantii Joko Widodo, kan ummataa “Jokowi” jedhamuun beekamu bakka bu’uuf dorgomtoota sadan dursaniidha.

“Kun ayyaana dimokiraasiiti,” jechuun Jokowiin giiftii duree Iriyaanaa Widoodoo waliin Jaakaartaa aanaa Gambir keessatti sagalee isaanii osoo hin kennin dura gaazexeessitootaaf ibsaniiru.

Baaswedan sagalee isaanii kan kennan buufata filannoo naannoo mana jireenyaa dhuunfaa isaanii kan kibba Jaakaartaa Lebak Bulus jedhamutti argamutti.

Piraanowooj magaalaa guddoo bulchiinsa Giddugaleessa Jaavaa Semarang keessatti sagalee kan kenne yoo ta’u, waggoota kurnaniif bulchaa ta’uun tajaajilaniiru.

Qorannoo filannoo duraa irratti dursaa kan ture Subiyaantoon naannoo Hambalang bulchiinsa Jaavaa Dhihaa keessatti sagalee isaa kenne.

Sagaleen dursaa biyya alaatti kan jalqabe yoo ta’u, diyaaspooraan Indooneezhiyaa Guraandhala 5 irraa eegalee sagalee isaanii kennaniiru.

Indooneezhiyaan addunyaa irratti dimokiraasii guddaa sadaffaa fi addunyaa irratti biyyoota Muslimoota baay’inaan keessa jiraatan diimookiraasii geggeessituu dha.

Akkasumas, bulchiinsa naannoolee 38 buufataaleen filannoo 820,000 hundeeffaman keessatti qondaaltota bulchiinsaa naannoo 20,000 filachuuf filannoo guyyaa tokkoo isa guddaa addunyaa gaggeessaa turte.

Qondaaltonni gara miliyoona torbaa ta’an guyyaa filannootti filannoo to’achuuf bobbaafamaniiru, naannoo tokko tokkotti roobaa fi lolaadhaan kan manca’e ta’uun ibsameera.

Bara 2019 booda Indooneezhiyaan filannoo pirezidaantii fi paarlaamaa yeroo tokkotti gaggeessitu kun kan yeroo lammataati.

Namoota pirezidaantii ta’uuf abdii qaban malees, kaadhimamaa gara 10,000 ta’an ejjennoo kanaaf dorgomaa jiru.

Indooneezhiyaan biyya namootni miliyoona 274 ol keessa jiraatuudha.

Biyyi Kibba Baha Eeshiyaa kun bara 1999 filannoo waliigalaa bilisaa yeroo jalqabaaf kan geggeessite yoo ta’u, bara 2004 irraa eegalee kallattiin pirezidaantii ishee filattee jirti.

Poolisii fi loltoota irraa kan hafe namni umuriin isaa waggaa 17 fi isaa ol ta’e kamiyyuu sagalee kennuu danda’a.

Filannoon bulchiinsa bahaa Maluukuu, Kaaba Maluku, Papua, Papua Dhihaa, Papua kibba, gidduu galeessa Papua, Papua Highlands fi kibba lixa Papua keessatti cufameera jechuun Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version