ONM-ABO Ebila 2, 2024
Yukireen Dilbata sagalee kenniti turte. namoonni miliyoonaan lakkaa’aman carraa sagalee kennuu argatan keessatti namoonni as jiran pirezidaantii Zeleniskii irratti murtii isaanii kennu turan.
Waggaa shan dura namni dandeettiin isaa guddaa, qoosaa fi oomishtuummaatti Yukireen keessatti maqaa gaarii qabaachuusaatiin aangootti ol kaafame.
Garuu humnoonni Raashiyaa ammallee biyyattii keessa jiranii fi lammiileen Yukireen miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, sarara fuulduraa irratti wal loluun hin dhaabbanne.
Rippabilikaanonni Ameerikaa tokko tokko gadaan Zeleniskii kan Caamsaa keessa xumuramu taanaan sababa biraa gargaarsi waraanaa dhorkamuu qabu gochuuf yaalan.
Dilbata guyyaa heerri mootummaa Yukireen sagalee kennuu qabdi kan jedhu ta’us, yeroon waraanaa hin hayyamuuf ture.
Maaykolaa Liyapin filannoo darbe akka Zeleniskii filate ibsuun ammas otoon carraa argadhee isa filuuf shakkii hin qabu, yoo filannoon dhufes gara aangootti hin dhufu jedhee sodaa hin qabu jedha.
.
Uummanni keenya bilisa ta’eera, kanas bara 2014, yeroo Pirezidaantii Yaanuukooviichitti hin quufne mirkaneessineerra. Maayiidhaan as dhufnee, gariin lubbuu illee dhabne, garuu waan barbaanne galmaan geenyee Zeleniskii filannera. Ummanni dhuguma Zeleniskii yeroo dheeraaf biyyattii akka bulchu yoo amane, waraanni itti fufee jiraatus ni furra.”jedha.
Qorannoon akka agarsiisutti lammiileen Yukireen fedhiin sagalee kennuu xiqqaadha.
Hagayya darbe prezidaant Zelensky gaaffii fi deebii televijiinii Yukireen irratti taasisaniin ejjennoo isaanii kan gaafataman yoo ta’u, filannoo gaggeessuuf akka mararfatan dhaga’ameera.
Zelenesinikiin ammallee lammiilee Yukireen biratti jaalatamaadha. Namoonni 64% akka hooggana isaaniitti amanuu dubbatu jechuun CNN gabaaseera.

