Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yukireen “Afrikaan Kibbaa lammiilee ishee madaa’an yaaluun akka danda’amu qorannoo gaggeessiteetti jette

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Pirezidaantiin Yukireen Volodimir Zeleniski roobii kaleessaa Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Ramafoosaa waliin mari’achuun Afrikaan Kibbaa lammiilee Yukireen madaa’an yaaluun akka danda’amu qorataniiru.

“Biyyoonni seera bu’uuraa Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kabachiisan hundi nagaa haqaa fiduuf tattaaffii addunyaa irratti taasifamu barbaachisaa ta’uu isaa irratti mari’anneerra,” jechuun Zeleniskiin akkaawuntii isaa isa ofiisalaa X irratti barreesse.

Hogganaan Yukireen kun itti dabaluudhaan, “Afrikaan Kibbaa lammiilee keenya madaa’an wal’aansaa fi deebisanii dhaabuu keessatti hirmaachuu akka dandeessus qoranneerra.”jedhan.

Hoggantoonni lamaan fooramii diinagdee addunyaa (WEF) Siwiizarlaand magaalaa Daavoositti gaggeeffamaa jiru cinatti wal argan.

Zeleniskiin akkasumas Afrikaan Kibbaa gamtaa idil-addunyaa daa’imman Yukireen ”seeraan ala” Raashiyaan biyyaa ari’aman akka deebi’aniif akka makamtu affeeruu isaanii dubbataniiru.

Waggaa lama dura Raamaafoosaan garee hoggantoota Afrikaa gara Raashiyaa fi Yukireenitti geggeessuun saboonni lamaan marii waraana kana xumuruuf kaayyeffate irratti akka bobba’an amansiisuuf yaaliin godhame, amma waggaa sadaffaa isaa seeneera.

Walitti bu’iinsa Raashiyaa fi Yukireen keessatti namootni kumaatamaan lakkaa’aman kan ajjeefaman yoo ta’u, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Ergamni nagaa hoggantoota Afrikaa kan hoggantoota Afrikaa jahaa fi bakka bu’oota hoggantoota biyyootaa of keessaa qabu kun Zeleniskii waliin wal arguuf gara Kiiv imaluun, preezdaantii Raashiyaa Vilaadmir Putin waliin mari’achuuf gara Seent Piiteerisbarg imalaniiru.

Bara darbe Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Andirii Sibiihaan marii siyaasaa fi hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf Afrikaa Kibbaa daawwataniiru.  Ministira Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Roonaald Laamoolaa waliin, Piritooriyaatti mari’ataniiru.

Rakkoo namoomaa Sudaan fi walitti bu’iinsa ardii kanaa biroo ilaalchisee Afrikaa Kibbaa waliin yaaddoo waliin qaban cimsanii ibsuun, tasgabbiin naannoo murteessaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Yukireen yeroo hoggansa ishee xiyyeeffannoo guddaa akka argattu abdachuun pirezidaantummaa Afrikaa Kibbaa G20 irratti abdii qabaachuu ibsaniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Exit mobile version