ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Afrikaan Kibbaa Wiixata kaleessaa irra deebitee waamicha ishee Falasxiin fi Libaanos keessatti hatattamaan dhukaasa dhaabuu, nagaa haqaa fi waaraa mirkaneessuuf adeemsi siyaasaa akka jalqabamu ibsiteetti.
“Afrikaan Kibbaa ammas Mootummaan Israa’el karaan nagaa ittiin argamsiisu furmaata mootummoota lamaa qofa ta’uu isaa akka hubattu gaafatti.
Piriitoriyaan dhimmi Falasxiin furmaata hin arganne amma waggoota 75f kan ture yoo ta’u, waldhabdee Baha Giddugaleessaa keessatti uumameef giddugaleessa ta’uu ibsiteetti.
Afrikaan Kibbaa walitti dhufeenya gamtaa, michoomaa fi tumsa Falasxiin waliin qabdu cimsuuf kutannoo hin sochoone irra deebitee mirkaneessiteetti.
“Deeggarsa Afriikaan Kibbaa yeroo dheeraa fi qajeelfama irratti hundaa’e ummata Falasxiin irratti goote eeguun, Mootummaan Afrikaa Kibbaa jalqabbii ajandaa idil-addunyaa Falasxiin irratti deebisee xiyyeeffachuu fi adeemsa nagaa Baha Giddu Galeessaa deebi’ee ka’uuf kaayyeffate deggaruuf kutannoo qabaachuu ishee itti fufeetti,” jechuun ibsichi dabalee addeesseera.
Mootummaan kun hawaasni addunyaa Falasxiinonni hawwii bilisummaa, haqaa fi mootummaa walaba ta’e hundeessuuf qaban galmaan ga’uuf gargaaruuf tattaaffii taasifamu akka cimsu dhaamaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

