Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Afrikaan Kibbaa duguuggaa sanyii Israa’el gootu mormu ‘ittin fufa’ jette

ONM-ABO Fulbaana 11, 2024

Dhimmi duguuggaa sanyii Israa’el gootu irratti Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) keessatti baname itti fufee kan jiru yoo ta’u, Afrikaan Kibbaa ji’a dhufu yaadannoo galmeessuuf akka ta’e ibsa preezdaantiin biyyattii Kibxata kaleessaa baaseen beeksiseera.

“Afrikaan Kibbaa Israa’el yakka duguuggaa sanyii Falasxiin keessatti raawwachaa akka jirtu mirkaneessuuf dhugaa fi ragaa dhiyeessuuf yaaddee jirti” jedha ibsichi.

“Dhimmi kun hanga manni murtii argannoo argatutti itti fufa; Dhimmichi osoo adeemsifamaa jiruu Israa’el ajaja yeroof mana murtii hanga har’aatti baase akka eegdu abdii qabna.”

Dubbiin kun kan dubbatame yeroo gabaasni dippilomaatonni Israa’el miseensota Kongiresii Ameerikaa Afrikaan Kibbaa dhimmicha akka kuffiftu dhiibbaa akka godhan qajeelfamni kennamaa jirutti.

Afriikaan Kibbaa dhimmi duguuggaa sanyii Israa’el irratti dhiheessite tattaaffii addunyaa guddachaa jiru gara nagaa Baha Giddu Galeessaa mirkaneessuuf taasifamu bakka bu’a jetteetti.

Biyyoonni hedduun jechuunis Turkii, Nikaraaguwaa, Falasxiin, Ispeen, Meksikoo, Liibiyaa fi Kolombiyaa hundi isaanii dhimma dhaddacha ummataa baatii Guraandhalaa keessa eegaletti makamaniiru jedheera.

Afriikaan Kibbaa dhuma bara 2023 mana murtii Heeg keessatti argamutti dhimmicha kan dhiheessite yoo ta’u, Israa’el Onkoloolessa darbe irraa eegalee Gaazaa irratti boombii darbattee turteen waliigaltee duguuggaa sanyii bara 1948 jalatti waadaa galte kabajuu dhabuu ishee himatte.

Manni murtii olaanaan baatii Caamsaa keessa Israa’el haleellaa kibba Gaazaa magaalaa Raafaa keessatti raawwattu akka dhaabdu ajajeera. 

Paaneliin abbootii murtii 15 qabu kun yeroo sadaffaaf ajaja duraa lakkoofsa namoota du’anii to’achuu fi gidiraa namoomaa naannoo uggurame keessatti mul’atu salphisuuf kan barbaadu yoo ta’u, lakkoofsi namoota miidhaman kuma 40 darbee jira jechuun France 24 gabaaseera.

Exit mobile version