Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gamtaan Awurooppaa  miseensota Paarlaamaa Awurooppaa filachuuf gara filannootti gale

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024

Lammiileen Gamtaa Awurooppaa paarlaamaa Awurooppaa keessatti bakka bu’oota isaanii marsaa waggaa shaniif filachuuf sagalee kennuu jalqaban.

Lammiileen Istooniyaa jalqaba Waxabajjii 3 filannoof kan dhiyaatan yoo ta’u, sagalee kennuunis hanga Waxabajjii 9’tti banaadha.

Kamisa kaleessaa lammiileen Dachii buufatni filannoo naannoo sa’atii 7:30 A.M’tti kan baname yoo ta’u, filattootni hanga sa’atii 9 P.M’tti  sagalee kennaniiru.

Warri Aayilaandi Waxabajjii 7 sagalee kennuu yoo jalqaban Kizechiyaan  ammoo Waxabajjii 8 sagalee kennuu itti fufti.

Maaltaa, Laatviyaa, Slovaakiyaa fi Xaaliyaan Waxabajjii 8 sagalee kennuuf kan jiran yoo ta’u, Xaaliyaan sagalee kennuuf guyyoota lama qabdi.

 Biyyoonni gamtaa Awurooppaa kanneen hafan Dilbata dhufu Waxabajjii 9 filannootti ni Seenu.

Guutummaa Gamtaa Awurooppaa keessatti miliyoonaan kan lakkaa’aman bakka bu’oota isaanii Paarlaamaa Awurooppaa Waxabajjii 6 – 9 sagalee kennuun, qaama gamtichaa fi addunyaa irratti seera baastuu biyyoota ollaa kallattiin filatu.

Walumaagalatti miseensonni mana maree 720 ykn miseensonni paarlaamaa  waggaa shaniif kan filataman yoo ta’u, isaanis booda pirezidaantii Paarlaamaa Awurooppaa filatu jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version