Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessaa humna addaa Gumuziitin namoonni lama qabamuun achi buuteen isaanii dhabamuu maddeen ONMtti himan

ONM- ABO Guraandhala 9, 2024 

Daangaa Oromiyaa kallattii hundaan sabaaf sablammoonni impaayera Itoophiyaa keessa jiran cabsanii seenuun ajjeechaa lubbuu, saamicha qabeenyaa, buqqaatii fi namoota jiraatti butanii maallaqa humnaa olii gaafachuu fi achumaan achi buutee dhabamsiisuun hammaatee jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 7, 2024 godina Wallagga bahaa aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Baloo buufata 2ffaa keessatti humni addaa Gumuzii namoota hedduu erga qabeenyaa isaanii saamuun qe’ee isaanii irraa buqqisaniin booda namoota lama kan maqaan isaanii Abdallaa Ahamad abbaa ilmaan lamaa fi Yaasinoo Mikaa’iloo abbaa ilmaan lamaa qabanii hanga gabaasni kun qindaa’etti bakki isaan geessan hin beekamin jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Aanicha keessatti uummanni Oromoo hidhattoota murna bilxiginnaa fi Gumuziin gidiraa hamaa argaa jiraachuu fi qaama isaaf dubbatu illee dhabuun gochoonni sarbaminsa mirgoota namoomaa irratti raawwatamaa jiraachuu yeroo hedduu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version