ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Poolisiin farra jeequmsaa garee namootaa gara giddugala Daakaar bakka guddaa Place de la Nation jedhamu bakka hiriirri itti karoorfame argamuuf yaalan duubatti deebisee ture.
Hiriirtonni tokko tokko dhagaa darbachuudhaan deebii kan kennan yoo ta’u, daandiin ittiin addabaabayii kana seenan hundi cufamuu isaanii gaazexeessitoonni AFP argan.
“Haalli jiru gaddisiisaadha. Kadhachuuf dhufne gaaziidhaan nutti ba’an. Kan hin fudhatamneedha,” jechuun kaadhimamaa 20 pirezidaantummaaf dorgomuu qaban keessaa tokko kan ta’an Thierno Alassane Sall AFP’tti himaniiru.
“Lammiileen Senegaal miidiyaa hawaasaa qofa irratti osoo hin taane lafa irrattis aaruu qabu.”
Qormaata madaallii humnaa Pirezidaantii Macky Sall fi mormitoota gidduu jiru irratti, namoonni murtee tasaa pirezidaant Sall filannoo Guraandhala 25 ture ji’a 10n tursiisuuf murteesse irratti Jimaata kaleessaa mormii isaanii akka agarsiisan dhaamanii turan.
Wiixata darbe paarlaamaan tarkaanfii kana deggaruun diddaa mormitoota hamaa fi yaaddoo idil-addunyaa uumeera.
Tarkaanfiin kanaan dura hin argamne kun, biyyi Afrikaa Dhihaa kun naannoo fonqolcha waraanaatiin miidhame keessatti tasgabbii dimokiraasii argachuuf qabdu gaaffii keessa galcheera.
Barsiisonni waltajjii waldaalee siivikii dhaadannoo Aar Sunu Election (Filannoo Keenya Haa Eegnu) jedhuun waldaaleen barnootaa mormiif akka bahan dhaamaniiru.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Bleeyz Daagne Daakaar keessatti barsiisonni waamicha kana erga dhaggeeffatanii booda barattoonni dhibbaan lakkaa’aman walakkeessa ganama barnoota isaanii dhiisaniiru.
“Mootummaan mata jabeessa taanaan mala adda addaa yaaluun nurra jiraata” jechuu isaanii France 24 gabaaseera.

