ONM-ABO Onkoloolessa 20, 2024
Artistoonni girafitii Senegaal keessatti ergaa deeggarsa Falasxiinii fi Libaanos dallaa Daakaar irratti dibanii hubannoo uumuun, haleellaa Israa’el irratti deebii kennan.
Waldaan Artistoota Giraafitii Paanafrikaa (RBS) fi gareen Artistoota Afrikaa Farra Appaartaayidii waliin ta’uun daandii naannoo Owukam namoonni baay’atan keessatti waa’ee haleellaa Falasxiin fi Libaanos keessatti raawwatame irratti hubannoo uumuun hojjetaniiru.
Artistoonni sagalee hawaasa isaanii ta’anii faayidaa kennuu, hubannoo uumuu fi yeroo barbaachisaa ta’etti qajeelchuu qabu jedhu.
Sagalee ummata Senegaal, kan yeroo hunda Falasxiin cinaa dhaabbatu ta’uuf fedhii qaban ibsaniiru. Kaayyoon isaanii murtii siyaasaa bira darbee uummata Falasxiin fi Libaanos waliin tumsa agarsiisuu akka ta’e ibsaniiru.
Kaayyoon isaanii taateewwan Falasxiin fi Libaanos keessatti raawwataman irratti xiyyeeffannaa harkisuu, hubannoo uumuu fi dhimmicha caalaatti mul’isuu fi qaama jireenya guyyaa guyyaa taasisuu ture jedhan.
Senegaal biyyoota Afrikaa jalqabaa bara 1989 Falasxiin dachee ishee irratti ergama dippilomaasii akka banattu hayyamte keessaa tokko yoo taatu, Pirezidaantii Falasxiin duraanii Yaasiir Araafaatiif paaspoortii dippilomaasii kan kennan keessaa tokkodha jechuun Anaadooluun gabaaseera.

