ONM-ABO Sadaasa 1, 2024
Ejjennoo Senegaal dhimma Falasxiin irratti qabdu, kan furmaata mootummoota lamaa irratti hundaa’e, “gatii guddaa qaba,” jechuun prezidaantiin Turkii Resiip Tayip Erdoyaan Kamisa kaleessaa dubbataniiru.
Erdoyaan gita isaanii lammii Senegaal Bassirowu Diwomaye Faye waliin Ankaraatti ibsa gaazexeessitootaaf waloon kennaniin, “ejjennoo cimaa obboloonni keenya Afrikaa, kanneen cunqursaa, waraanni fi ajjeechaa jechuun maal jechuu akka ta’e hubatan hordofaa jirra,” jedhan.
Ejjennoo Senegaal dhimma Falasxiin irratti furmaata mootummoota lamaa irratti hundaa’uun qabdu gatii guddaa qaba jedhan Erdoyaan.
”Tattaaffii keenya kallattii kanaan itti fufna. Uummata Falasxiin fi Libaanos cinaa dhaabbachuun akka dhimma obbolummaa fi dirqama namoomaatti ilaalla,” jechuun dabalaniiru.
Hoggantoonni lamaan walga’ii isaanii keessatti tarkaanfiiwwan duguuggaa sanyii Israa’el, keessumaa Gaazaa fi naannoo Falasxiin keessatti raawwatameef deebii kennuuf tarkaanfiiwwan Turkii fi Senegaal fudhachuu danda’an irrattis mari’ataniiru jedhan.
“Imperi’alistoonni Afrikaa keessatti egeree nagaa dhiigaa fi ajjeechaa irratti ijaaramuu akka hin dandeenye barataniiru,” kan jedhan Erdoyaan, itti dabaluudhaan: “Dhugaan wal fakkaataan Gaazaa fi Libaanos keessattis ni mul’ata.”
“Warri cunqursaadhaan nageenya barbaadan gara bubbee tasgabbii dhabuu baayʼee guddaa taʼetti akka harkifaman” akeekkachiiseera.
Haleellaa Israa’el Libaanos fi Falasxiin irratti raawwatte ilaalchisee, prezidaantiin Turkii naannichi “gara obomboleettii ibiddaa hamaatti qajeelaa jira” jechuun yeroon dhufu baay’ee rakkisaa akka ta’u akeekkachiisaniiru.

