Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Amaanu’eel Maakroon Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa Ameerikaan dhiheessite akka fudhatu gaafate

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024

Prezidaantiin Faransaay Amaanu’eel Maakroon Kibxata kaleessaa Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu gitni isaanii pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayiden dhiyeesse akka fudhatu waamicha dhiyeessan.

Maakroon keessattuu gareen hidhattootaa Falasxiin itti gaafatamummaa guddaa qaba jedhan.

Akkasumas Ministeera Muummee Israa’el Binyaamiin Netaaniyaahuu waliin marii bilbilaan taasisaniin, abbaan taayitaa Falasxiin bulchiinsa Gaazaa mirkaneessuu qaba jechuun waajjirri pirezidaantichaa beeksiseera.

Giddu-galeessituun biyyi Kaataar Kibxata kaleessaa akka jettetti, yaada dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee booji’amtoota Gaazaa pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden ibsan irratti Israa’el irraa ejjennoo ifa ta’e eegaa jirti. 

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Majed al-Ansari, hanga ammaatti mootummaa Israa’el irraa ejjennoo baay’ee ifa ta’e gara seera bu’uuraa Baayiden kaa’etti geessu hin argine, jechuun, gama kamiinuu raggaasifamni qabatamaan hin argamne jedhan.

Haleellaa Hamaasiin Onkoloolessa 7 raawwatameen namoota 250 booji’aman keessaa harki sadii ol du’uu akka danda’an lakkoofsi mootummaan Israa’el Kibxata kaleessaa ibsa baaseen ifa godheera. 

Aanga’oonni Israa’el Kibxata kaleessaa Kaaba biyyattii keessatti ibidda cimaa haleellaa rookkeettii fi dirooniin ollaa Libaanos irraa erga raawwatamee yeroo muraasa booda ka’een magaalaa tokko gartokkoon keessaa akka baqatan dirqisiise waliin wal’aansoo qabaa turan jechuun France 24 gabaaseera.

Exit mobile version