ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024 Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken karoora dhukaasa dhaabuu Gaazaa irratti waadaa isaanii irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
Mr Blinken Hamaas karoora kana akka guyyoota 11 dura Pirezidaantii Baayiden ibsanitti akka fudhatu irra deebi’anii waamicha dhiyeessan.
Mr. Netaaniyaahuu waliin Yerusaalemitti erga mari’atanii guyyaa tokko booda Biliinken kana kan dubbatan.
Mr Netaaniyaahuun waan Mr Baayiden kaa’an ifatti hin raggaasifne. Yaada dhukaasa dhaabuu Israa’el kan ibsi Mr Baayiden irratti hundaa’e waliin walsimuu fi dhiisuu isaas hin dubbanne.
Mr Blinken deebii Hamaas murtee Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtooman dabarsee waan Mr Baayiden labsan deggaru irratti kenne ”mallattoo abdii” jechuun ibsaniiru.
Murteen kun Israa’el waan Mr Baayiden dhiyeessan fudhachuu isaa kan ibse yoo ta’u, Hamaas akkasuma akka raawwatu gaafateera.
Hamaas ibsa Kibxata kaleessaa baaseen murtee kana keessatti ”waan hammatame” simachuun isaa ni yaadatama.
Garuu Mr Blinken deebii Hamaas kenne murteessaa akka hin taane ibsuun, ”waanti lakkaa’ama” waan hooggansi Hamaas Gaazaa keessatti dubbataniidha, ”nuti immoo kana hin qabnu” jedhan.
Marii dhukaasa dhaabuu balbala cufame duuba ji’ootaaf erga geggeeffamaa tureen booda, Mr Baayiden ji’a darbe ifatti waan Israa’el “karoora dhukaasa dhaabuu dhaabbataa fi namoota booji’amtoota hunda gadhiisuuf” jedhan ifatti beeksisanii turan. Karoorri kun Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniinis deggerameera.
Yaadni Israa’el kaabinee waraanaa Israa’el namoota sadii of keessaa qabuun kan waliigalame yoo ta’u, mootummaa bal’aaf hin ibsamne jechuun BBC’n gabaaseera.

