ONM-ABO Guraandhala 12, 2024
Miidhaa fi dhiibbaa sirna bittaa kolonii jalatti uummatni Oromoo cuqursaa ulfaataa argaa kan jiru yeroo ammaa yakka tokko malee ol adeemtotni ilmaan Oromoo hidhattoota koloneel Abiy Ahimediin lubbuun obba’aa jiru danuu ta’ee mul’ataa jira.
Akkuma kanaanis lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Kabachee fi Shaggaa gidduu Kan ta’e bakka marfata jedhamee beekamutti waraanni maafi’aa PP namoota 4 bakka isaan ta’aa jiranitti seenuun erga ari’aniin booda namoota lama kan maqaan isaanii Boonaa Naggasaa Birruu fi Rashid Naasir Mohaammed jedhaman rasaasaa itti roobsanii ajjeesuun beekame.
Yeroo ammaas onoota lixa Wallaggaa adda addaa keessatti dhiibbaan mirga namoomaa danuun taasifamaa kan jiru uummatni qaama itti himatu dhabuun murtilee seeraa tokko malee rasaasaan waadamee ajjeefamuu fi hidhaatiin hiraarfamaa akka jirus dabaluun himaniiru.

