ONM-ABO Muddee 22, 2023
Oromiyaa keessatti ajjeechaan deddeebi’ee hawaasa nagaa irratti gaggeeffamaa jiru hammaachuun, lubbuun namootaa guyyaa irraa gara guyyaatti darbaa ijoolleen hedduun abbaa malee hafuun, qe’ee namoota hedduutti gaddaaf gadadoon galaa jira.
Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa naannoo Waanjaa Cirrii bakka Dadaganyii jedhamutti Muddee 16, 2023 loltootni Bilxiginnaa namoota nagaa lama kan maqaan isaanii obboo Hamzaa Yusuuf fi maanguddoo ganna 80 obboo Kajjoo jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni dubbataniiru.
namootni loltoota sirnichaan ajjeefaman kunneen namoota hirmaannaa siyaasaa hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’uun ofiif maatii isaanii jiraachisan yoo ta’aan, ajjeechaama walfakkaataa golee Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti taasifamaa jiruun Oromummaa isaaniin yakkamanii kan ajjeefaman ta’uus jiraattotni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

