Moqaadishoo, Somaaliyaa
Guraandhala 17, 2024
ONM-ABO Guraandhala 17, 2024
Rippabilikni Federaalaa Somaaliyaa yaalii kaka’umsaa mootummaan Itoophiyaa jilli Pireezidaantii Somaaliyaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa bara 2024 Finfinneetti gaggeeffamu irratti akka hin hirmaanne gufachiisuuf godhe cimsitee balaaleffatti.
Tarkaanfiin kun pirootokoolota dippilomaasii fi idil-addunyaa hunda kan cabsu yoo ta’u, hunda caalaa ammoo duudhaa Gamtaa Afrikaa hundeeffameef kan cabsudha.
Amalli kun tarree gochoota sirrii hin taane Mootummaan Itoophiyaa yeroo dhiyoo asitti raawwachaa jiru guddachaa dhufe irratti dabalata.
Itoophiyaan waajjira muummee Gamtaa Afrikaa akka keessummeessitu yoo ilaalle, hoggansi fi mootummaan ishee hoggantoota Afrikaa hunda walqixa ilaaluuf dirqama qabu. Gamtaa Awurooppaa keessummeessuun Itoophiyaaf kabajaa fi mirga guddaadha; haa ta’u malee, mootummaan isaa kabajaa fi itti gaafatamummaa kana naamusa barbaachisaa ta’een kabajuu yoo dadhabe, Gamtaan Afrikaa bakka waajjira muummee isaa irra deebi’ee madaaluun barbaachisaa ta’a.
Tarkaanfii hin malle Itoophiyaan fudhachaa jirtu yoo balaaleffannu, Gamtaan Afrikaa gocha aarii guddaa kana irratti pirootokoolii gamtichaa waliin walsimuun qorannoo amanamaa fi walaba ta’e hatattamaan akka gaggeessus waamicha dhiheessina jechuun Mootummaan Soomaaliyaa karaa Ministeera Haajaa Alaa ishee beeksisteetti.

