Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Abeebee keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii boonsaa fudhachuun diina du’aaf madoon adabe

ONM-ABO Guraandhala 19, 2024

Korommmiiwwan sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo golee cufa keessatti tarkaanfii jajjabduu diina irratti fudhatan jabeessanii itti fufuun humna diinaa baaragsaa jiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 17, 2024 jajjabeewwan akka sibilaa kibba lixa Shaggar keessa socho’an buttaan Gaara Mul’ataa aanaa Tolee magaalaa Abeebee keessatti sa’a 9:00 irratti magaalichatti seenuun tarkaanfii fudhateen diina du’aaf madoon adabuun, meeshaalee hedduus dugda diinaa irraa hiikee jira.

Lola kanaanis qawwee AKM 14, rasaasa gosa garaagaraa fi hidhannoowwan waraanaa yoo irraa hiiku, loltoota diina irraa 13 ajjeesuun 19 madeessee magaalicha keessaa yeroof qulqulleessee to’atee ture.

Karoora duula lolaa haaraan waraanni faashistii PP bakkoota itti xiyyeeffate keessaa tokko Kibba Lixa Shaggar ta’us jajjabeen WBO akkaataa diinni ittiin dhufetti deebii barbaachisaa kennuu adabuun jiilchee ofirra deebisaa jira.

Lolli Bilisummaa sabichaaf WBOn taasisu cimee itti fufa.

Injifannoo uummata Oromoof❗️

Exit mobile version