Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessatti abbaan maatii tokko loltoota PP’n yoo ajjeefamu, aanaa Saasiggaa keessatti ammoo nama tokko saanjaan waraanuun du’aaf jireenya gidduu jiraachuun beekame

ONM-ABO Guraandhala 21, 2024

Waraanni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Huucha jedhamu keessatti Guraandhala 18, 2024 qotee bulaa abbaa ilmaan ja’aa maqaan isaa Obbo Xila’ee Haayiluu jedhamu halkan keessa toora sa’a sagaliitti mana isaa keessaa gadi baasuun ija maatii isaa duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen gaabasan.

Gara jabeeyyiin ilmaan Oromoof naasuu tokkollee hin qabne kunneen namicha kana eega ajjeesaniin booda horii isaa: Loon 30, re’ee 15 Fi hoolaa 20 ooffatanii magaalaatti galuu kan dubbatu gabaasichi bifa namummaa irraa maqeen loltootni kunneen obbo Xila’ee eega ajjeesaniin booda, intala isaa reeffa isaa irra tarkaanfachiisanii horii sana hoofsisuun aanaatti fuudhanii galuu dubbachuun Kaabinoonnii aanichaa baatii sadii keessatti lubbuu qotee bultoota 14 ajjeesisuun maatii qofaatti hambisuus himan.

Oduu biraatiin Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Baloo Lammaffaa jedhamtu keessatti Guraandhala 17, 2023 loltootni ittisa impaayerattii nama nagaa maqaan isaa Abdallaa Mohaammed jedhamu WBO deggerta jechuun saanjaadhaan mataa keessa waraananii miidhaa guddaa irraan ga’uun, Rifeeriin gara Finfinneetti taasifamee fi achitti yaalamaa jiraachuu ONM odeeffateera.

Exit mobile version