Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu keessatti maanguddootni lama waraana PPn yoo ajjeefaman, reebichis jiraattota irratti hammaachuun himame 

ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023

Daangaan Oromiyaa ergamtoota murni bilxiginnaa Oromiyaa keessatti ijaareen sarbamaa osoo jiruu, yeroo amma ammoo waraanuma ofii leenjisee hawaasa nagaatti bobbaasaa jiruun duutni ilmaan Oromoo kabaja dhabuun ajjeesanii bineensa nyaachisaa jiru.

Dheengadda Onkoloolessa 21, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti waraanni goolessaan PP qonnaan bultoota hedduu irratti reebicha akka raawwatan maddeen himuun, obbo Jamaal Adamee abbaa ilmaan 2 fi Abdallaa Bulee abbaa ilmaan 5 Kan ta’aan qe’ee isaanii deemuun maatii cinatti gara laafina tokko malee rasaasaan waadanii ajjeesuu namoonni ijaan argan dubbatan.

Dhiittaan mirga namoomaa daa’imman irraa eegalee hanga umrii maanguddootti nurratti jabaatee jira Kan jedhan, guyyuma Dheengadda nama maqaan isaa Abbush Gonfaa jedhamu saanjaan mataa isaa gubbaa waraanni maafi’aa PP waraanuun du’aaf jireenya giddu akka jirus Kan himan yoo ta’u, dabalataanis Galataa Abdiisaa, Biqilaa Hirphaa, Taakkalaa Ayyaanaa fi Fayyeeraa Faajigoo Kan jedhamanis miidhaan qaamaa irra akka ga’es dubbatu.

 Namni shira guddaa kana dalagsiisaa jiru Amsaaluu Amanuu kan jedhamu bara bulchiinsa wayyaanee irraa eegalee dhiiga ilmaan Oromoo akka bishaaniitti dhangalaasisaa akka har’a ga’es maddeen dabaluun ibsan.

Exit mobile version