ONM-ABO Guraandhala 24, 2024
Baha Ispeen magaalaa buufata doonii Vaaleenshiyaa keessatti ibiddi gamoo mana jireenyaa lamatti qabachuun yoo xiqqaate namoonni 10 yoo du’an, kanneen biroo hedduun ammoo madaa’aniiru akkasumas achi buuteen isaanii dhabameera.
Ibiddi kun Kamisa galgala mana jireenyaa abbaa darbii 14 kan qarqara giddugala magaalattiitti argamu keessatti kan jalqabe, boodarra gamoo itti aanu tokkotti kan babal’ate yoo ta’u, lamaan isaanii ibiddaan liqimfamuun aarri gurguddaa gara samiitti ol ba’eera.
Kantiibaan Vaaleenshiyaa fi bulchaan naannichaa Jimaata kaleessaa akka jedhanitti lakkoofsi namoota du’anii afur irraa gara 10tti ol guddateera.
Bakka bu’aan mootummaa naannoo Vaaleenshiyaa Pilar Bernabe, “Inspeekshinii jalqabaa hordofuun poolisiin namoota du’an 10 argachuu isaa mirkaneessuu dandeenyeera,” jedhan.
Kantiibaan magaalattii Maariyaa Joozee Kaataalaan lakkoofsa namoota du’anii mirkaneessuun, namoonni 15 akka madaa’an ibsaniiru.
Isaan keessaa jaha abidda dhaamsitoota ta’uu himaniiru.
Namoota madaa’an keessaa shan ammallee hospitaalota magaalattii keessatti yaalamaa kan turan yoo ta’u, haalli isaanii garuu tasgabbaa’aa akka ta’e himameera. Miidhaan kun kan qaqqabe caccabuu, gubachuu fi aaraan afuufamuun akka ta’e ni himama.
Kutaan Balaa Tasaa Waraanaa Ispeenis loltoota gara bakka sanaatti erguun hojii baraarsaa kana akka gargaaran kan himame yoo ta’u, ogeeyyiin fayyaa isaas namoota miidhaman kunuunsuuf dunkaana guddaa dhaabuu isaanii gabaafameera.
Muummichi ministeera Ispeen Peedroo Saancheez “ibidda hamaa gamoo Vaaleenshiyaa keessatti mudateen akka gaddee” fi gargaarsa barbaachisaa ta’e akka kennan aanga’oota biroo waliin haasa’uu isaanii X irratti maxxansaniiru.
Jimaata bakka balaan kun itti dhaqqabe daawwachaa kan turan Saancheez jiraattonni “ibidda hamaa kanaan daqiiqaa muraasa keessatti waan hunda dhabaniiru” jedhan.
Balaa kanaan booda Vaaleenshiyaan guyyoota sadiif gadda labsuun ayyaanni waggaa ji’a tokkoof turu akka hin jalqabne dhorkitee jiraachuu Aljazeeraan gabaaseera.

