ONM-ABO Guraandhala 25, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii waraana faashistii irratti Kibxata darbe Guraandhala 20 Giddu Galeessa Oromiyaa godina Salaalee ona Hidhabuu Abootee keessatti fudhateen injifannoo cululuqaa argatee jira.
Lola kanaan humni diinaa irraa 69 du’aan yoo adabamtu 47 madoo taatee jirti.
Qawwee AKM 43, miila dishqaa tokkoo fi rasaasa hedduu dugda diinaa irra hiikuun diina gugsee magaalaa ari’ee jira.
Aanuma kanatti diinni aanaalee akka Warra Jaarsoo, Kuyyuu fi iddoo garaagaraa irraa walitti guuramuun Kamisa darbe Guraandhala 22 dhufte haleelamuun loltootni 65 du’aan yoo adabaman 51 madoo ta’uun kan hafte baqattee facaatee jirti.
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhate kanaan:
Qaawwee AKM 43,
Isnaayippera 3,
Bireena 6,
dishqaa tokko,
rasaasa dishqaa saanduqa 23, rasaasa bireenaa saanduqa 13 fi meeshaalee waraana garaagaraa irraa dhuunfachuun dantaa qabsoof galii godhee jira.
Godinuma Salaalee ona Kuyyuu mooraa Darroo Daannisaa jiru irratti korommiiwwan WBO Jimaata dheengaddaa itti cabsuun waraana maafi’aa PP 20 battalatti fixuun 17 madeessanii kan hafte baqaachuun mooraa gadhiistee turte.
Tarkaanfii WBOn godina Salaalee keessatti fudhachaa jiruun waraanni diinaa godinicha keessatti guutuutti raafamaa jirti.
Tarkaanfii ganama har’aa kanaan ammoo godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa mooraa warshaa simmintoo Daangotee cinaatti jajjabeen WBO waraana diinaa paatirooliin socho’aa turte irratti tarkaanfii fudhachuun paatiroolii 1 guutuutti barbadeessee jira.
Lolli Bilisummaa Fininee Itti Fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

