ONM-ABO Guraandhala 19, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.
Haala kanaanis kaleessa Guraandhala 18, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee keessatti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana faashistii PP sagantaan WBO loluuf bobbaate irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen qaanesssee jira.
Jajjabeen WBO lafa Salaalee irratti waraana maafi’aa reebuun du’aa fi madoo baay’een adabuun konkolaataa isheen itti dhufte irraa dhuunfatee guggubuun magaalaa Hidhabuu Abootee kan taate magaalaa Ejeree keessaa ari’ee baaseera.
Gabaasa guutuu akkaataa nu qaqqabeen isiniin geenya!
Injifannoon Uummata Oromoof!

