ONM-ABO Muddee 22, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu-Galeessaa godina Kaaba Shaggar aanaa Hidhaabuu Abootee magaala Ejeree keessatti kaleessa Muddee 21 milishoota Abiy Ahimed 3 irratti tarkaanfii fudhatee dhabamsiisuun qawwee AKM 3 irraa hiikee mooraa qabsoof galii taasisee jira.
Jajjabeen WBO tarkaanfii isaa itti fufuun guyyuma kaleessaa aanaa Dagam keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhateen hedduu irraa ajjeesuun gariin madeessee qawwee AKM afurtama nyaataa 1 fi kilaashii AK 47 jedhamu 4 irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Godinuma Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee keessatti kaleessa Muddee 21 jajjabeen WBO tika waraana faashistii PP gandatti bobba’e tokko du’aan adabee jira.
#DuulaCichoominaKaayyoo
Itti Cabsii!
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
