Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn Zoonii Giddu Galeessaa waraana faashistii PP 40 ol booji’e

ONM-ABO Fulbaana 28, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa Zooni Giddu Galeessaa keessatti fudhatu jabeessuun injifannoo cululuqaa galmeessaa jira.

Haaluma kanaa jajjabeen WBO zoonichaa Kaaba Shaggar aanaa Hidhabuu Abootee ganda lama keessatti kaleessa Fulbaana 27 tarkaanfii fudhateen loltoota diinaa hedduu du’aa fi madoon adabee gandoota lameen keessaa buqqisuun muraasni baqattee gara magaalaatti galtee jirti.

Tarkaanfii guggubduu kanaanis qawwee AKM 100 ol, rasaasa hedduu fi PKM 3 irraa hiikuun loltoota Bilxiginnaa 40 ol irraa booji’ee jira.

Guutuu gabaasa lola Hidhabuu Abootee fi Dagam akkaataa gabaasni nu ga’een isiniif dhiyeessina.

Injifannoon Uummata Oromoof❗

Exit mobile version