Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Raashiyaa jalaa waraana Yukireen keessatti yoo xiqqaate namootni 355,000 du’uu hin oolan jedhe Ministirri Ittisaa UK

ONM-ABO Bitootessa 4, 2024

Waraana Yukireen keessatti hojjettoonni Raashiyaa 355,000 ol ajjeefamuu fi madaa’uu isaanii Ministirri Ittisaa UK ibseera.

Ministeerri Ittisaa UK guyyaa guyyaan Dilbata darbe maxxanfameen akka tilmaametti, erga weerarri kun jalqabee as giddu galeessaan guyyaatti lakkoofsi namoota Raashiyaa lubbuu dhaban isa olaanaa ta’uu ibseera.

Lakkoofsa kanaan guyyaatti lubbuun namoota 983 akka darbu taasiseera.

Kiiv fi Moskoon lamaan isaanii iyyuu lakkoofsa kana kan dhoksan yoo ta’u, kunis dhiibbaa haamilee waraanaa, uummata biyya keessaa fi akkaataa waraanni kun biyya alaa keessatti itti ilaalamu irratti fiduu danda’an irraa kan ka’eedha.

Kana gidduutti tokkoon tokkoon gama lakkoofsa diinaa du’ee fi madaa’ee garmalee tilmaamuu danda’a.

Euronews UK, michoota Awurooppaa gurguddoo Kiiv keessaa tokko taate irraa lakkoofsa kana of danda’ee mirkaneessuu hin dandeenye.

Ministeerri Ittisaa UK X irratti akka barreessetti, miidhaan Raashiyaa dabalaa dhufuun Moskoon ”lola jumlaa fi miidhaa qaqqabsiisuu irratti kutannoo qabdu” calaqqisiisa jedheera.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka jedhetti loltoonni isaanii gara kiiloo meetira 9 tarkaanfachuun lola magaalaa lubbuu namaa galaafate naannoo baha Donetsk keessatti geggeeffame booda gara fuulduraatti akka dhiiban ibseera.

Guraandhala 25 prezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyiin erga Raashiyaan weerara guutuu eegaltee as loltoonni Yukireen 31,000 tarkaanfii irratti ajjeefamaniiru jedhan.

Raashiyaan lakkoofsa namoota miidhaman muraasa kenniteetti.

Ragaan dhiheenya kana Ministeera Ittisaa irraa argamuun Amajjii bara 2023 maxxanfame akka agarsiisutti namoonni 6,000 ol du’uu akka ta’e Euronews gabaaseera.

Exit mobile version