Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Raashiyaan haleellaan qilleensaa ‘guddaan’ Yukireen irratti raawwachuun haleellaa daangaa irratti raawwatameef haaloo ba’uu dubbatteetti

ONM-ABO Bitootessa 23, 2024

Ministeerri ittisaa Raashiyaa haleellaa Yukireen torban darban keessa naannoo daangaa ishee irratti raawwatteef haaloo ba’uuf haleellaa qilleensaa “guddaa” Yukireen irratti raawwachuu ishee Jimaata darbe ibseera. Kiiv kanaan dura akka jettetti Raashiyaan haleellaa qilleensaa guddaa ji’oota keessatti raawwatte, dhaabbilee anniisaa guutuu biyyattii irratti xiyyeeffachuun haleellaa halkan tokkootti yoo xiqqaate namoota shan ajjeesteetti.

Bitooteessa 16 hanga 22’tti, dhukaasa naannoo keenyaa fi yaaliiwwan qubsuma daangaa Raashiyaa cabsanii qabachuuf godhameef deebii kennuudhaan, waraanni haleellaa haaloo ba’uu 49 raawwateera,” jechuun ibsi ministeerri ittisa Raashiyaa baaseen beeksiseera.

Milishoonni deggertoota Kiiv torban darbe haleellaa hidhannoo hedduu naannoo Raashiyaa irratti kan raawwatan yoo ta’u, haleellaan dhukaasa, rookkeettii fi diroonii naannoo daangaa Raashiyaa irratti raawwatamu baay’ee dabaleera.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin kanaan dura hammachuun kun “osoo hin adabamin” akka hin hafne dhaadataniiru.

Ministeerri ittisaa haleellaan Jimaata darbe raawwatame kun “damee anniisaa, kompileeksii waraanaa-industirii, wiirtuuwwan baaburaa, meeshaalee waraanaa fi iddoowwan loltoonni Yukireen fi loltoonni kiraa sassaabdoonni biyya alaa itti buufatan” irratti kan xiyyeeffate ta’uu fi Targetii haleellaa “guddaa” kanaa hundi rukutamuu ibseera.

Raashiyaan Kamisa darbe magaalaa guddoo Kiiv irratti haleellaa misaa’elaa kan raawwatte yoo ta’u, jalqaba torbee kanaa haleellaa misaa’elaa kaaba baha Yukireen magaalaa Kaarkiiv irratti raawwatameen namoonni shan du’uu aanga’oonni naannoo beeksisaniiru.

Moskoo torban kana keessas yaaliin sakatta’iinsa dabalataa naannoo ishee irratti raawwatame ofirraa deebisuu ishee ibsiteetti jechuun Agence france press gabaaseera.

Exit mobile version