Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaan Israa’el guyyoota darbe raawwatteen lammiilee Falasxiin 124 dabalataan ajjeesuun lakkoofsa namoota Gaazaatti du’anii 30,534’tti ol guddise

ONM-ABO Bitootessa 5, 2024

Israa’el naannoo Gaazaa marfame irratti haleellaa ishee itti fufuun sa’a 24 darban keessatti yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 124 ajjeefamuun 210 ammoo madaa’uu Ministeerri Fayyaa naannoo sanaa Wiixata kaleessaa beeksiseera.

”Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalatti fi daandii irratti qabamanii jiru, sababiin isaas baraartoonni isaan bira ga’uu waan hin dandeenyeef,” jedha ibsichi.

Murtii yeroof Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa cabsitee, Israa’el haleellaa ishee itti fufuun Gaazaa keessatti yoo xiqqaate lammiileen Falasxiinota 30,534 kan ajjeefaman kan taasisne yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’immani.
Onkoloolessa 7 irraa eegalee ammoo namootni 71,920 madaa’aniiru jedha qondaaltonni fayyaa Falasxiin.

Lolli Israa’el Gaazaa irratti geggeessite hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu fi qorichaa cimaa uumuun uimmata naannoo sanaa %85 gara buqqa’iinsa biyya keessaatti kan dhiibe yoo ta’u, bu’uuraaleen misoomaa naannoo kanaa %60 miidhamaniiru ykn barbadaa’aniiru jedha UN.

Israa’el Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti duguuggaa sanyiitiin himatamtee dhaabbattee jirti. Murtiin yeroo baatii Amajjii keessa darbe Teel Aviiv gocha duguuggaa sanyii akka dhaabduu fi tarkaanfiiwwan gargaarsi namoomaa namoota nagaa Gaazaa keessa jiraniif akka kennamu wabii ta’u akka fudhattu ajajeera.

Haa ta’u malee, diinummaan osoo hin hir’atin itti fufee kan jiru yoo ta’u, geejjibni gargaarsa balaa namoomaa kana furuuf haala nama gaddisiisuun gahaa miti jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version