Bitootessa 6, 2024
Tooftaa fi tarsimoo jibbisiisaa hawaasa nagaa irratti qabatee kan socho’u murni bilxiginnaa ajjeesanii jiilchuu, hidhaan dararuu fi reebichaan qaama hir’uu yoo taasifne, impaayerri Itoophiyaa nagaa argatti kan jedhuun waraanni isaan bobbaasan namoota nagaa duguuguu irratti fuulleeffatee argama.
Bitootessa 3, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa ganda Buukee Akkachee jedhamutti waraanni faashistii PP bulchiinsa magaalaa Qilxuu kaarraa irraa bobba’uun hawaasa nagaa goolaa erga turaniin booda dargaggoo tokko ajjeesuun namoota 4 gara aanaatti qabanii deemuun beekame.
Namootni waraana kanaan qabamuun gara mooraa waraanaa geeffaman maqaan isaanii:
Lammeessaa Mokkonnon nama umurii 18, Obbo Yooseef Kabaa nama umurii 45 olii, Mikaa’el Abbayyaa nama umurii 25 fi, Tarraafee Haftee nama umurii 16 ta’uun beekameera.
Akka jiraattotni jedhanitti namootni kunneen dheengadda Bitootessa 4, 2024 mooraa ganda 01 bakka addaa Qaalittii jedhamutti guyyaa guutuu aduu keessatti harki isaanii dudduubatti hidhamee reebamaa waan turaniif lubbuun hafuun isaanii baay’ee kan nama yaachisuudha jechuun jiraattotni ONM’tti himaniiru.

