ONM-ABO Bitootessa 8, 2024
Siwiidin Kamisa kaleessaa Waashingitanitti NATO’tti kan makamte yoo ta’u, kunis erga Raashiyaan Yukireen weerartee imaammata nageenya biyyaalessaa ishee irra deebitee akka yaaddu fi deeggarsa gamtichaaf wabii nageenyaa saba Iskaandinaaviyaa isa gaarii ta’uu murteessuuf ishee dirqisiise.
Muummichi ministeeraa Siwiidin Ulf Kiristersaon sanada dhumaa Kamisa kaleessaa mootummaa U.S.f kan kennan yoo ta’u, kunis adeemsa dheeraa miseensota hundaan gamtaa waraanaatti makamuuf deggarsa argachuuf tarkaanfii isa dhumaa ta’eera.
Ministirri Dhimma Alaa U.S. Antony Blinken yeroo sanadoota miseensummaa Siwiidin Kiristersan irraa argatanitti, “warra eegaa jiraniif waanti gaariin ni dhufa,” jedhan.
”Kun Siwiidiniif, gamtaa keenyaa fi hariiroo Atlaantiik qaxxaamuree jiruuf,” yeroo seena qabeessa jedhan Blinken.
NATO’f, Siwiidinii fi Finlaandiin – kan daangaa km 1,340 Raashiyaa waliin qooddatan – waggoota kurnan darban keessatti yeroo ofitti dabaluun milkoomina guddaadha.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin gamtaan kun daran akka hin cimne barbaadaniif rukuttaa guddaa ta’eera.
Siwiidin wabii ittisa waloo gamtichaa kan miseensa tokko irratti haleellaan akka haleellaa hunda irratti raawwatamutti ilaalamu irraa fayyadamti jechuun Rooyiters gabaaseera.

