Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Namootni sadii dhukaasa Siwiidin keessatti geggeeffameen ajjeefamuu poolisiin biyyattii ibse

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Dhukaasa Siwiidiin Kaaba magaalaa Istookoolm irratti banameen namoonni sadii du’uu isaanii poolisiin Siwiidin Kibxata kaleessaa ibseera.

Poolisiin akka jedhetti, magaalaa guddoo Istookoolm irraa gara kiiloo meetira 60 (maayilii 37) fagaattee kan argamtu magaalaa Upsala keessatti dhukaasa banameen du’uu fi “namoonni lakkoofsaan murtaa’an madaa dhukaasa irraan kan ka’e miidhaan irratti  argameera.”

Televijiiniin ummataa SVT akka jedhetti namoonni hedduun du’uu isaanii fi shakkamaan kun baqachuu isaa ibseera jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

Exit mobile version