Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa guddoo Rippaabilika Cheek  Piraag keessatti dhukaasa banameen namoonni hedduun du’uu poolisiin ibse

ONM-ABO Muddee 22, 2023

Poolisiin Cheek akka jedhutti namni qawwee hidhate tokko gamoo yunivarsiitii giddugala Piraag keessatti argamu keessatti namoota hedduu ajjeesee ofiis dhabameera.

”Kan qawwee hidhate dhabamsiifameera. Yeroo gabaasni kun qindaa’etti gamoo kana keessaa namootni baafamaa kan turan yoo ta’u, namoonni hedduun du’uunii fi kudhanootaan kan  lakkaa’aman madaa’uun bakka balaan kun itti dhaqqabee turan,” jechuun poolisiin Kamisa kaleessaa fuula X, kan duraan tiwiitara ture irratti ibseera.

Poolisiin waa’ee namoota miidhamanis ta’e haala dhukaasa magaalaa guddoo Rippabiliika Cheek keessatti mudate bal’inaan hin ibsine. Sababa dhukaasa mana barumsaa addabaabayii Jan Palach keessatti banameen qondaaltonni bobbaafamaniiru jedhu.

Miidiyaaleen Cheek akka gabaasanitti dhukaasni kun Yunivarsiitii Chaarlis Faakultii Aartii keessatti kan raawwatame yoo ta’u, tarkaanfiin poolisii fudhatamaa waan tureef barsiisonni fi barattoonni akka gadi hin baane qajeelfamni  kennameeraaf.

Dhaabbanni dhuunfaa TV Nooraa jedhamu dho’iinsaa fi qawwee hidhate foddaa gamoo giddugala seena qabeessa Piraag keessatti argamu irratti akka mudachuu gabaaseera.

Ministirri Biyya Keessaa Viit Rakusaan TV Cheekiin uummataaf akka himanitti, “qawwee hidhataan kan biraa hin argamne” jechuun namoonni qajeelfama poolisii akka hordofan gaafataniiru.

Kutaan poolisii akka jedhetti addabaabayiin kun cufamee ture. Namoonni daandii naannoo sana jiran dhiisanii keessa akka turanis dhaamaniiru.

Dubbi himaan tajaajila baraarsaa Piraag Jaanaa Poostovaa namoonni hedduun akka miidhaman mirkaneessaniiru garuu bal’inaan hin ibsine. Dhaabbatni oduu Rooyitars ammoo yoo xiqqaate namootni 15 ajjeefamuu fi 24 madaa’uu gabaaseera.

Exit mobile version