Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhukaasa masjiida Omaan irratti banameen namootni 4 ajjeefamanii hedduun madaa’an

ONM-ABO Adoolessa 16, 2024

Kibxata har’aa poolisiin   naannoo masjiida qarqara magaalaa Mascat jedhamutti dhukaasa banameen lubbuun namoota afur du’uu fi hedduun madaa’uu beeksise.

”Poolisiin Mootii Omaan naannoo masjiida Al Waadi Al Kabir jedhamutti dhukaasa mudateef deebii kenneera,” jedha humni kun.

Lakkoofsa jalqabaa masjiida magaalaa guddoo Bahaatti argamu keessatti namoota afur ajjeefamanii fi “kanneen biroo hedduu” madaa’an kennaneera Poolisiin.

“Haala kana to’achuuf tarkaanfiiwwan nageenyaa fi hojimaatni barbaachisoo ta’an hundi fudhatamaniiru” jedheera.

Itti dabaluudhaanis, ”Aanga’oonni ragaa walitti qabuu fi qorannoo gaggeessuu itti fufanii jiru, haala taatee kanaan walqabatee jiru ni saaxilu,” jedheera.

Mul’anni miidiyaa hawaasaa irratti mul’ate namoonni kudhanootaan lakkaa’aman naannoo Masjiida Imaam Aliitti yeroo dhukaasni dhaga’amutti baqachaa akka jiran agarsiisa.

Haleellaan akkasii Omaan keessatti garmalee xiqqaa ture.

Imbaasiin Ameerikaa Maskaat jiru dhukaasa kana hordofuun akeekkachiisa nageenyaa kan baase yoo ta’u, Kibxata har’aa beellama viizaa hunda haqeera.

“Lammiileen Ameerikaa dammaqinaan eeguu, oduu biyya keessaa hordofuu fi kallattii aanga’ootni naannoo kennan dhaggeeffachuu qabu,” jechuun imbaasichi waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti barreesse.

Shi’oonni torban kana guyyaa gadda waggaa waggaadhaan kabajamu kan du’a dirree waraanaa Huseen jaarraa 7’ffaa keessa ta’e yaadachuun  kabajan ture jechuun The National gabaaseera.

Exit mobile version