ONM-ABO Bitooteessa 15, 2024
Shira siyaasaan uummata Oromoo lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo jira jedhametti ajjeesee jiilchuuf akkuma karoora qaban, karooricha hojiirra oolchuuf Oromiyaa golee mara keessatti ajjeechaan namoota nagaa irratti hidhattoota garee faashistii Abiy Ahimediin raawwatamu jabaatee itti fufee jira.
Bara murni bilxiginnaa aangoo impaayerattii bulchaa jirutti qe’een Oromoo nagaa dhabuun lubbuu namoota nagaa galaafatamuu bira darbee qabeenyi isaa saamamuu fi gubachuun hojii ala ta’aa jira.
Guyyaa dheengaddaa jechuunis Bitootessa 13, 2024 hidhattootni sirnichaa lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Badhaas Qorichaa keessatti abbaa maatii shanii kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Soorii Abarraa Fayyisaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni ONM’tti himan.
Namni ajjeefame kun qonnaan bulaa yoo ta’u Waraana Bilisummaa Oromoo qallabda jedhamuun ragaa sobaan yakkanii akka ajjeesanis ibsan.
Oduu saamichaan wal-qabatuun lixuma Shaggar aanaa Dandii magaalaa Gaaleessaa fi ganda Daannisa Xanqoo keessatti hidhattootni bakkicha buufatanii jiran namoota harkaa dirqamaan maallaqa kuma shanii (5000) kaasee hanga 150,000 funaanaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Akkasumas, waraanni akka feeteen kunneen shamarranii kaasee hanga harmootiitti gudeeddii dirqii iddoowwan kanatti raawwachaa jiraachuus dabaluun dubbatu.

