ONM- ABO Bitootessa 18, 2024
Impaayerri Itoophiyaa qaamota seerota raawwachisan osoo qabduu, badiilee fi yakka ilmi balleesseef abbaa, haadhaa fi obboloota kan gaafattu, faallaa heeraa fi seerota barreefamoo maqaa sirna dimookirasiin jiraniin alatti hojiilee hamoo fi ciggaasisoo raawwachuu irratti argamu.
Bifuma kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu siree ganda Burqaa Xaaloo jedhamu keessaa dargaggoo ganna 27 kan ta’e Geetuu Sooressaa Dirbabaa jedhamu bakka maatiin isaa jiraniitti sochii taasisuun halkan irraa toora sa’a 5:00’tti waraanni mooraa mana barnootaa Qaqqarsee jedhamuu ba’an qabuun guyyoota sadiif hidhaa erga tursanii booda guyyaa kaleessaa lubbuun isaa akka darbes dabaluun himaniiru.
Maatiin dargaggoo ajjeefamee kanaas reeffi isaa kan hin argamnee fi dargaggoo Guutuun aanaa Gobbuu Sayyoo naannoo Gabaa Dafinoo jedhamutti ajjeefamuun bineensi akka nyaate ragaan uffannaa isaa argamee mirkaneessera.
Ajjeechaa geggeefamaa jiruun cinatti gudeeddii fi saamichi qabeenyaa hawaasaa irratti waraana maafi’aa PP’n raawwachaa akka jirus dabaluun himaniiru.

