Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhukkubni Gifiraa giddu galeessa Oromiyaa godina Kaaba Shaggar fi Lixa Shaggaritti namoota ajjeesuu eegale

ONM-ABO Bitootessa 18, 2024

Murni maafi’aa PP ilmaan Oromoo bakka cufatti tajaajila yaalaa fi dhiyeessii qorichaa hanqisaa akkasumas irraa kutaa, tajaajila mootummaa akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuu irraan kan ka’e dhibeewwan tokko tokko hawaasa weeraruun du’aaf saaxilaa jiru.

Akka kanaanis godina Kaaba Shaggar aanota hedduu keessatti weerarri dhukkuba Gifiraa mul’achuun dhibbaa adda addaa kan geessisaa jiru yoo ta’u, aanota akka Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee fi Dagam keessatti akkasumas lixa Shaggar aanaalee akka Gindabarat, Ada’aa Bargaa fi Meettaa Walqixxee keessatti lubbuu daa’immanii fi dargaggootaa galaafachuu erga eegalee bubbuleera.

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo qofa keessatti namoota 14 ol yeroo muraasa keessatti galaafateera.

Dhibeen kun dhukkuba daddarbaa waan ta’eef namoota qabe yeroo gabaabduu keessatti kan ajjeesu yoo ta’u, sababa yaaliin ga’aa fi talaalliin yeroo isaa eeggatee hawaasaaf kennamuun dhabbate irraa akka dhufe ogeessotni fayyaa ibsu.

Kunis murni bilxiginnaa erga lola Oromiyaa keessatti akka aangoo siyaasa impaayerattii dhuunfateen labseen booda, baadiyyaa fi magaalota xixxiqqoo WBO’n keessa socho’u akkasumas godinaalee sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo jabaatu irraa dhiyeessi qorichaa fi ramaddii ogeessota fayyaa xiqqeessuu irraan akka ta’e keessa beektotni ni dubbatu.

Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa qofa keessaa namootni dhibee gifiraa kanaan du’an:
Ababbuu Taganuu Gammadaa ganna 12
Hacaaluu Bultumee Bultoo ganna 11
Lammii Jabanuu Baabilee ganna 3
Dhiiree Tajjabee Xibbee ganna 4
Loomii Tolasaa Asaffaa ganna 2
Obsee Gobbuu Fayyinee ganna 3
Sabatuu Ijaaraa Baayisaa ganna 4
Dirribee Dhugasaa Joobiruu ganna 4
Immee Bojjuu Tulluu ganna 2
Abdii Addaamuu Abbaxaa ganna 2
Immee Qanniyyee Dasooluu ganna 2
Baacaa Margee ganna 45
Irranaa Nugusee Jabeessaaa ganna 18
Asteer Girmaa ganna 12 ta’uun barameera.
Weerarri dhukkuba gifiraa kun baha Shaggar aanaa Dugdaa fi Booraa keessattis babal’achuun hawaasni yaalaaf hospitaalatti dararamaa jiraachuu gabaasnee turre.

Exit mobile version