ONM-ABO Bitootessa 19, 2024
Hawaasni Oromoo yeroo ammaa kanatti dhiibbaa jabaan sirna aangoo impaayerattii irra jiruun irratti geggeefamaa kan jiru yoo ta’u, uummanni nagaan lakkoofsaan hedduu ta’anis manaa fi qabeenyaa isaanii ala ta’uun yeroo ammaa bakkeetti teendaa ijaarachuun jiraachaa jiru.
Uummata nagaan jiraatu nagaa isa dhowwachuun qabeenyaa inni waggootaaf itti dhama’ee horate sirni badiin kunneen guyyaa tokkotti jalaa gubanii barbadeessuun haala gadadoo keessatti hambisuun karoora isaanii isa jalqabaa akka ta’e jiraattotni bakkeewwan adda addaa irraa ONM’tti himaniiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Bitootessa 17, 2024 baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee keessatti hidhattootni sirnichaa gandoota kanneenitti bobbaafaman qabeenyaa mana keessaa dabalatee manneen jiraattota hedduu gubanii barbadeessuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Namoota qabeenyi fi manneen isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu ga’e Galatii Tuma’aa, Gaboo Galatii, Borsa Galatii, Huseen Daalee, Tasammaa Sanbatuu, Asaffaa Sanbatuu, Shuraa Jadoo, Jundii Abittii, Huseen Galatii, Dalbuu Abbittii, Kaliiloo Amaanoo, Aaddede Aashuu H.Faqoo, Hirkoo Hordofaa fi Dachaasaa Bunee kanneen jedhamaniidha.
Namoonni armaan olitti maqaan isaanii heerame kunneen midhaan dabalatee mi’a mana keessaa jalaa gubanii kan barbaadeessan yoo ta’u re’ootaa fi hoolaa hedduus jalaa qalatanii nyaachuun gariin ammoo fudhatanii deemuus jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

