Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn zoonii Giddu Galeessaa godina Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuun meeshaa irraa hiikkate

ONM-ABO Bitootessa 19, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Giddu Galeessaa tarkaanfii waraana faashistii PP irratti har’a Bitootessa 19 ganama kaasee hanga galgalaatti godina Lixa Shaggar ona Ada’aa Bargaa handaara magaalaa Mogoritti fudhateen humna diinaa Rejimentii tokko guutumaa guutuutti barbadeessee jira.

Tarkaanfii boonsaa kanaanis meeshaa diinni qabatee bobba’e mortaara 1, Dishqaa 1, Bireena 10, isnaayippera 6 fi AKM diinni qabatee bobba’e guutumaa guututti irraa hiikkachuun dantaa qabsoof galii godhee jira.

Loltoota PP 110 ol jiraatti booji’ee tika barbaachisu taasisaafii jiraaachuu gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo beeksisuun uummata Oromoon baga gammaddan baga gammanne jedhee jira.

Lolli bilisummaa finiinee itti fufa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version