ONM-ABO Bitootessa 26, 2024
Waraanni akka feeteen sirnichaa Oromiyaa keessatti namoota nagaa sababa tokko malee qabuun osoo yakki isaanii mana murtiitti dhiyaatee hin ilaalaminiif gara mooraa waraanaatti fudhachuun halkanii fi guyyaa reebicha hamaa irratti raawwachuu bira darbee qaama hir’uu taasisuun hiree namoota hedduu balaaf saaxilaa jiru.
Bitootessa 22, 2024 ganama barii toora sa’a 11:00 irratti hidhattootni sirnichaa namoota 4 bakki isaan fidan kan hin beekamne irratti reebicha hamaa raawwachuun iyyisiisaa gara mooraa isaanii bakka Dildila jedhamuun beekamutti galchuun dararaa turuu jiraattonni ijaan argan dubbatu.
Namoonni kunneen hanga ammaatti mooraa isaanii keessatti reebichi hamaan irratti geggeefamaa jiraachuu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti kan gad hin dhiifamne ta’uus himan.
Akkasumas seensa magaalaa Oolanciitii keessatti namoota konkolaataan imalan hunda dirqamaan konkolaataa dhaabsiisuun qarshii 200 tokkoon tokkoon namootaa irraa funaanaa jiraachuus jiraattotni dabaluun himan.
Abbootii qabeenyaa magaalichaa irrattis saamichi daangaa hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu fi hidhattootni kunneen halkan dawoo godhachuun namoota harkaa maallaqa, bilbilaa fi faaya mormaa namoota irraa saamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

