Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti namoonni nagaan lama waraana faashistii PP’n ajjeefaman

ONM-ABO Bitootessa 26, 2024

Oromiyaa godinoota garaa garaa keessatti waggoota ja’an darban keessatti ajjeechaa, dararaa fi buqqaattiin lammiilee nagaa irra ga’u kan hin dhaabbanne ta’uu komeen jiraattota irraa ONM qaqqabu ni ifoomsa.

Akkuma kanaanis dheengadda Bitootessa 24, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Shogoo jedhamu keessatti waraanni shiftaa Abiy Ahimed namoota nagaa lama kan maqaan isaanii: Daggameny Tashaaluu fi Tashoomaa Bulchaa jedhaman rasaasa itti roobsuun ajjeesuun barame.

Sababni ajjeefamuu namoota kanaa akka jiraattonni jedhanitti waraanni faashistii PP waaree booda naannoo sa’a 11:00’tti mana nyaataa fi dhugaatii bakka namoonni kunneen taa’aa turanitti itti dhaquun nyaataa fi dhugaatii nuuf bitaa jechuun gaafannaan, maallaqa qabannee hin jirru sababa jedhan qofaaf akka ajjeesan jiraattotni dubbatu.

Gochootni waraanni faashistii PP kun Oromoota naannichaa irratti raawwachaa jiran namoota nagaa qabuun dhabamsiisuu, reebuu fi miidhaalee qaamaa garaagaraa raawwachuun sarbamiinsa mirgoota namoomaa irratti geggeessaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Exit mobile version