Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Manni-maree Nageenyaa UN Gaazaatti ‘hatattamaan dhukaasni akka dhaabbatu’ yaada furmaataa raggaase

ONM-ABO Bitootessa 26, 2024

Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UNSC), Gaazaatti “hatattamaan dhukaasni akka dhaabatu” gaafate.

Kunis erga Ameerikaan ejjennooshee amma duraa qabdu geeddaruun, seera kana kuffisuu dhabuusheetiin ragga’e.

Kana malees, sanadni seeraa kun namoonni butamanii fudhataman hatattamaa fi haal-duree tokko malee akka gadhiifamanis ni gaafata.

Waraanni kun Onkololeessa keessa erga jalqabee booda, Manni Maree Nageenyaa murtee dhukaasa dhaabuu irratti waliigaluu dadhabee ture.

Murteen US kun adda addummaa ejjennoo michuushee Israa’el wajjin, dhimma haleellaa lafoo Gaazaa keessaa irratti qabdu bal’achaa dhufuusaa agarsiisa.

Ameerikaan sagalee kennuurraa kan of qusatte ogguu ta’u, miseensonni 15’n manni marichaa murtee kana deeggaruun sagalee kennaniiru.

Ameerikaan amma dura sanadoota seeraa (resolution) dhukaasni akka dhaabbatu gaafatan kuffisaa turte.

Maaliif jennaan, mariin dhukaasa dhaabuu fi namoonni butaman gadhiisuun Israa’el fi Hamaas jidduu wayita adeemaa jirutti, murtee akkasii dabarsuun sirrii miti jechuun mormaa turte.

Haa ta’u malee, guyyaa Kamisaa wixinee ofii qopheessite mana marichaaf dhiyeessitee turte. Wixineen kunis yeroo jalqabaaf dhukaasni akka dhaabbatu kan gaafatu ture – kunis ejjennoon Israa’elif qabu akka jijjiirame kan mul’isu ture.

Ameerikaan Gaazaatti namoonni du’an lakkoofsi isaanii dabalaa dhufuu irratti Israa’el irratti qeeqa dhiyeessuu jabeessaa jirti.

Akka ragaan ministeera fayyaa Hamaasiin hoogganamu himutti, Gaazaatti halleellaa qilleensarraa Israa’eliin namoonni 32,000 ol lubbuu dhabaniiru – kanneen keessaa garri caalu dubartootaa fi daa’imman.

Amerikaan kana malees Israa’el dhiyeessii gargaarsa namoomaa irrattis ni qeeqxi. Lammiileen bulchiinsa kana keessa jiran hundi, wabii nyaataa hamaa keessa jiru jechuun himti US.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniis (UN) Israa’el dhiyeessii gargaarsaa danquun ni himata. Israa’el gamasheetiin UN deebistee himatti – haala barbaadamuun deggarsa raabsuu dhabuun.

Waraanni maroo ammaa kun kan jalqabe erga Hamaas Onkololeessa 7 haleellaa tasaa Israa’el irratti baneen ture.

Akka anga’oonni Israa’el jedhanitti, haleellaa gaafasiin, lammileen 1,200 ta’an ennaa lubbuu dhaban, kanneen 253 ta’an ammoo Gaazaatti butamanii fudhataman jechuun BBC Gabaaseera.

Exit mobile version