ONM-ABO Bitootessa 30, 2024
Haleellaa qilleensaa Israa’el magaalaa Sooriyaa, Aleeppoo jedhamu cinaatti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 36 ajjeefamuu gabaasaaleen himan.
Ministeerri Ittisaa Sooriyaa haleellaan kun baadiyyaa Aleeppoo bakka baay’ee rukutuu ibseera. Kun kan raawwatame akka sa’atii bakka sanaatti Jimaata barii sa’atii 7:45 irratti ture.
Buufanni isaa UK kan ta’e Siiriyaan Observaatorii foor Huumaan Raayitis (SOHR) akka jedhutti, kan irratti xiyyeeffatame meeshaa waraanaa garee milishootaa Hezboollaah ti jedheera.
Hezboollaah’n garee milishaa Iraan irraa deggarsa argatu, Libaanos keessa kan maadheffate yoo ta’u, Israa’el waliin ‘si argee, diina arge’ jechuun yaaddoo waliif ta’aa jiraatu.
Israa’el addatti haleellaa Sooriyaa keessatti raawwwattu kamiyyuu ilaalchisuun yaada hin kennitu.
Maddeen nageenyaa lama eeruun, maddi oduu Aljeeziraa akka gabaasetti, namoota ajjeefaman keessatti loltoonni Hezboollaah lama jiru jedheera. Kun ammoo lakkoofsa namoota haleellaa kanaan ajjeefamanii 38 qaqqabsiisa.
Akka ministeerri ittisaa Sooriyaa jedhetti, namoonni nagaa fi qondaalli waraanaa Sooriyaas warra ajjeefaman keessatti argamu.
Neetiwoorkii bal’aa achirraa qabuun waan Sooriyaa keessatti mudatu kan hordofu SOHR, kanneen ajeefamaniin alatti namoonni kudhanii ol ta’an madaa’aniiru jedheera.
Bakki irratti xiyyeeffatamee haleelame kun buufata Xiyyaaraa Aleeppootti dhiyoodha.
Erga wal waraansi Sooriyaa keessatti bara 2011 keessa jalqabee kaasee, Israa’el haleellaawwan dhibbaan lakkaa’aman Sooriyaa irratti raawwatteetti.
Kana kan godhaa jirtuuf ammoo garee Iraan waliin hidhata qabu jettu irratti xiyyeeffattee rukkutuuf akka ta’e ni ibsama.
Iraan garee Falaasxin keessa taa’ee Israa’eliin lolu, Hamaasiin, addatti deggarti.
Haleellaa Israa’el Sooriyaa keessatti gaggeessitu kun erga Onkoloolesa 7 Hamaas Israa’el irratti waraana banee dabalaa dhufeera.
Gocha Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el seenee raawwate haaloo ba’uuf Isra’el ammoo Gaazaa keessatti Hamaas irratti waraana banteetti.
Libaanos keessa maadhefatee Iraan irraa deggarsa argachaa kan jiru Hezboollaah’n ammoo kibba Libaanosirraa irra deddeebiin rookkeettii Israa’elitti dhukaasa.
Ministeerri ittisaa Sooriyaa akka jedheetti, haleellaan xiyyaaraa haaraa Israa’el amma raawwatte kun haleellaa diroonii Aleeppoo keessatti “dhaabbilee shororkeessitootaatiin” raawwatame waliin walirra bu’e.
Ministeerri ittisaa kun haleellaa diroonii sanaan kan du’e jiraachuu hin ibsine jechuun Aljeeziraa Gabaaseera.

