Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti murni faashistii PP hiriira deggersaa jechuun dirqiin namoota qopheessaa jiraachuun barame

ONM-ABO Ebla 1, 2024

Gareen faashistii PP humna waraanaa fi holola miidiyaa qofatti hirkatee impaayerattii bulchaa jiru, akkuma amala isaa deggersa mootummaaf hiriira ba’aa jechuun jiraattota dirqiin qopheessaa jira.
 
Dheengadda Bitootessa 30, 2024 bulchiinsa magaalaa Adaamaa gandoota adda addaa keessatti milishoota manneen jiraattotaa irra deemsisuun Kibxata boriitti akka hiriira ba’aniif dirqiin mallatteessisaa turan.
Manneen jiraattotaatti dabalataan dukkaanotaa fi dhaabbilee daldalaa garaagaraa irra deemuun guyyaa sanatti hojii isaanii dhaabuun hiriira bilxiginnaan paartii keenya, Abiy Ahimed mootii keenya, WBO fi Faannoo ni balaaleffanna akkasumas giddu seentummaa alaa hin feenuu fi Itoophiyaan guddina irra jirti jedhu irraa qooda  akka fudhatan dirqisiifamaniiru.


Sababa kanaanis magaalattii keessatti sakatta’iinsaa fi hawaasa shororkeessuun jabaachuu jiraattotni dubbatu.
Mataan faashistii PP Abiy Ahimed hawaasa, abbootii amantii fi qaamolee adda addaa siyaasa isaa ittiin miidhakfatu dubbisuun miidiyaa isaaniin garuummaa isaa erga dubbachiiseen booda, hawaasni guutuunis na waliin jiru jechuun addunyaa goyomsuuf hojjechaa jiraachuu keessa beektotni ni dubbatu.
 
Ebli 2 guyyaa Abiy Ahimed aangoo siyaasa impaayerattii qabate  waggaa 6’ffaa ta’uun wal qabatee, hojii beeksisaa irratti hojjechuun sammuu uummataa qabachuuf yaalaa jiru.
 
Uummata Itoophiyaa akka meeshaatti fayyadamuun hawaasa idil addunyaa ittiin doorsisuuf kan yaalu Abiy Ahimed yeroo darbe uummatni miliyoonni 120 ol ulaa galaanaa dhabuun sirrii miti jedhee dhaadachuutti dabalatee baay’inaa fi guddina keenyaan addunyaan nu simatti jechuun, uummata jibbiinsa sirnichaa qabu akka waan jaalala bilxiginnaa qabuutti dhiyeessuun addunyaa ittiin goyyomsuuf hawaasicha fayyadamuun bulchiinsa Abiy Ahimediif amala ta’uun ni beekama.

Exit mobile version