ONM-ABO Adooleessa 4, 2024
Magaalaa Adaamaatti uummanni murna gabroomfataa PP irratti fincila diddaa dhoosuun ganama kaleessa Adoolessa 3, 2024 sa’a 2:00 irraa eegalee hawaasni magaalichaa sagalee diddaa murna faashistii PP irratti qabu dhageessifachuuf yeroo socho’utti loltoonni sirnichaa marartoo tokko malee qawwee dhukaasaniin yeroo gabaasni kun qindaa’etti namootni tokkoo ol ajjeesuun gariin immoo madeessanii jiraachuu maddeen keenya ibsan.
Maddi hiriirichaa manneen uummataa magaalicha keessaa maqaa “Star City” jedhamuun kanneen diigamaa jiran ilaalchisee qabeenya uummataa lakkoofsaan hedduutti tilmaamaman dursanii manichatti mallattoo itti gochuun guyyaa biroo dhaqanii meeshaalee inni qabu mancaasanii manas diiguu yeroo eegalanitti fincilli diddaa kun gocha farra uummataa murna PP irratti dho’uu isaa namoonni magaalichaa dubbisne himaniiru.
Akka jiraataan magaalichaa hiriira sana irratti hirmaate tokko jedhutti “har’a ganama sa’atii 2:00 irraa kaasee hiriira mormii irra turre jedhe. Magaalaa Adaamaa kutaa bulchiinsa Bokkuu Shananii onoota haarawaa hundeeffaman ona Haroorettii fi ona Torban Oboo keessatti namoonni torbaa ol rasaasaan rukutamaniiru. Namoonni sadii haala ulfaataa keessa jiru. Warra rukutaman keessaa irra caalaan fira kooti. Namoonni baay’een qe’ee irraa buqqa’anii faffaca’anii jiru. Waraanni impaayera Itoophiyaa akkuma duraan baranitti rasaasa uummata irratti roobsan” jechuun waan irra oolan dubbata.
Kana malees, hiriira mormii har’a magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa oole irratti dubartiin ulfa ji’a sagalii ammaaf maqaan ishee adda hin baane du’uu fi namoota hedduu ta’an immoo reebicha hamaa irratti raawwachuu namoonni hiriira sana irratti hirmaatan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

