Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaatti hiriira barattootni ba’an irratti dhukaasuun madeessan

Godina Booranaatti hiriira barattootni ba’an irratti dhukaasuun madeessan

(ONM ABO Mudde 08, 2022)

Oromoon Oromoo malee fira hin qabu, Mormi Lixa Oromiyaatti cite morma keenya jechuun barattoonni golee Oromiyaa bakkoota gara garaatti hiriira ba’uun sagalee mormii qaban dhageessifataa jiru.

Godina Booranaa Aanaa Eel-Wayyeetti barattoonni barii barraaqaan sagalee isaanii dhageessifachuuf hiriira yoo ba’an waraanni mootummaa dhukaasa irratti banuun barattoota lama kan maqaan isaanii Barraaqoo Kulii Hadhootiif Bulee Mataa Liibaan jedhaman madeessee jira.

Barattoota sagalee isaanii dhageessifachuuf harka qullaa daandii irratti ba’an irratti meeshaalee gurguddaa Diishqaa dabalatee dhukaasa irratti banuun magaalicha dirree lolaa fakkeessanii jiru.

Exit mobile version