ONM-ABO Amajjii 31, 2024
Waraanni fi caasaan faashistii PP godina baha Shaggar magaalaa #Maqii ganama kana sagalee guddistuun magaalaa Maqii keessa naanna’anii uummataan mana daldalaa banaa, konkolaataa keessan deemsisuu eegalaa jechaanii jiru.
Ergaa akeekkachiisa qabu kana kaleessa galgala irraa qabanii konkolaataan magaalaa keessa deemanii dhageessisaa kan turan yoo ta’u, ganama gareen biroon achuma magaalicha keessatti mana namaatti ol seenee caccabsaa akka jiru barameera.

