ONM-ABO Ebla 5, 2024
Ajjeechaa, hidhaa, gubaatii fi saamichi waraana faashistii PP’n Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo irratti raawwatu gocha duguuggaa sanyii fi akeeka Oromoo hundeen balleessuu ta’uu, gochoonni guyyaa gara guyyaatti Oromiyaa kutaalee garagaraa keessatti murna bilxiginnaan raawwaatu ni mulisa.
Ebla 3, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessaa hidhamtoota mana hidhaa turan sadii galgala irra mana hidhiitii baafamuun konkolaataan qarqara magaalattiitti erga geeffamanii waraana faashistii PP’n rasaasaan tumamanii akka ajjeefaman jiraattonni ganama Ebla 4, 2024 reeffa dargaggoota kanneenii ijaan argan ONM’tti himan.
Galgala sana dhiisifatanii gocha kana waan raaffataniif namootni naannoo sagalee dhukaasaa fi sochii waraanaa mana keessa taa’uun hordofuu irra kan darbe birmachuu waan hin dandeenyeef yeroo sanatti reeffa kaasuu hin dandeenye.
Sababa kanaanis namootni sadeen mana hidhaa irraa baafamanii ajjeefaman halkan sana bineensi nyaachuu fi eenyummaa nama sanaallee adda baasuuf hawaasni rakkachuu himan.
Waraanni faashistii PP kun galgaluma guyyaa sanaa magaaluma Maqii ganda 01 keessaa namoota maqaan isaanii Irroo Goljee, Ayyaanoo Jaagoo, Mo’ataa Jaagoo fi obbo Jaagoo kanneen jedhaman reebanii gadhiisaniiru.

