ONM-ABO Ebila 2, 2024
Taateen ilmaan Oromoo irratti mootummaa abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin Oromiyaa keessatti adeemaa jiru sadarkaa sanyii duguuguu irra ga’uun akka sabaatti yaaddoo jiraachuu fi dhiisuu keessa namoota galchee jira.
Bifuma kanaanis Bitootessa 22, 2024 irraa eegalee godina Arsii bahaa aanaa Gadab Asaasaa keessatti manneen jiraattotaa ganda Coofira Shaashee fi Coofira Hulluuqoo jedhamu keessaa baay’inni isaa 32 ta’e waraana maafi’aa PP’n gubachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Namoota manneen jalaa gubate maqaan isaanii, Muktaar Hajii Kadiir mana 1, Jamaal Haji Kadiir mana 5, Muudii Burqaa mana ja’a yoo ta’u, Galatoom Huseen jalaa mana tokko, Abuunaa Badhaasoo mana 2, Rayiyyoo Horaatoo mana 1, Bakar Leenjisoo mana 1, Guddataa Leenjisoo mana 1, Badhaasoo Faanoo mana 2, Abdallaa Faanoo mana 6, Amaanoo Badhaasoo mana 2, Abdurramaan Burqaa mana 2 fi Aashiim Galatoo mana 2 qabeenyaa keessa jiru waliin gubabii barbadeessuun beekameera.
Oduu ajjeechaan wal-qabatuun ammoo obbolota obbo Muudii Burqaa namoota lama kan maqaan isaanii nu hin geenyes akka ajjeesan dabaluun jiraattonni dubbatu.
Kaadirootni gurra sirna bilxiginnaa ta’uun adda durummaan gochaa hammeenyaa raawwachiisaa jiranis maqaan isaanii, Mohaammed Kadir bulchaa aanaa, Kadir Huseen dhimma nageenyaa aanichaa, Jamaal Galatuu fi Jamaal Abdurroo akka ta’anis beekameera.

