Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa ona Leeqaa Dullachaa keessatti waraanni faashistii PP ajjeechaa fi hawaasa nagaa dararuu itti fufe

ONM-ABO Ebla 5, 2024

Maqaa sakatta’insa WBO jedhuun waraanni faashistii PP guutuu Oromiyaa keessatti, hawaasa nagaa siyaasa kam keessa hin jirre reebuu, saamuu, hidhuu fi rasaasaan waaduun egeree saba Oromoo irratti dhiibbaa dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa jabeessee Oromummaa balleessuu irratti argama.

Bitootessa 31, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti waraanni gabroomsaa PP dargaggoo Mohaammad Aammee jedhamu rasaasa 3’n miilla isaa bitaarra dhahuun bakka Gaallee jedhamutti gatuu fi dargaggoo Kadir Shu’eebii, Shariif Bal’isaa fi Ahimad Abdallee jedhaman hidhata WBO qabdu jechuun qaama isaanii irratti reebicha ulfaataa akka raawwatanis beekameera.

Dabalataanis ona leeqaa Dullachaa keessstti sarbamiinsi mirgoota namoomaa hawaasa hirmaannaa siyaasaa hin qabne irratti loltoota koloneel Abiy Ahimed bobbaaseen raawwatamaa jiraachuun, manneen hidhaa irraa namoonni baafamanii bakkeewwan dhoksaa adda addaatti ajjeefamanii gatamaa akka jiranis namoonni dhimmicha itti siqeenyaan beekan ONM’tti himaniiru.

Kaayyoon sirna bilxiginnaa Oromoo dhabamsiisee abjuu isaa bara dheeraa sirna mootii raawwachuu akka ta’e gochaan Oromiyaa keessatti saba Oromoo irratti ta’aa jiru ragaa seenaa fi seeraa ta’ees kan mul’ataa jiruudha jechuun jiraattonni himaniiru.

Exit mobile version