ONM-ABO Ebla 12, 2024
Oromiyaa keessatti ajjeechaan tibbana geggeeffamaa jiru haala suukkaneessaan itti fufuun namootni nagaan rasaasaan waadamanii ajjeefamuun bakkeetti gatamuu bira darbee kanneen achi buuteen isaanii dhabamaa jirus danuudha.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 10, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Darraa magaalaa Adaree keessatti nama nagaa siyaasa irraa bilisa ta’e kan maqaan isaa Bashir Birruu jedhamu dirree salaataa iidaa irraa qabuun deggaraa WBO’ti jechuun ija hawaasaa duratti ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himan.
Namni ajjeefame kun nama siyaasa irraa bilisa ta’ee fi hojii qonnaan jiraatu ta’uu ibsuun kaayyoon sirnichi qabatee jirus duguuggaa sanyii akka ta’es ibsaniiru.
Aanicha keessatti ajjeechaa jumlaa raawwatamu dabalatee uummanni murna bilxiginnaa fi humnoota finxaaleeyyii sirnichi hundeesseen midhama guddaa keessa seenanii jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

