ONM-ABO Ebla 19, 2024 Hireen uummata Oromoo bara murni bilxiginnaa aangoo impaayerittii irra jiru keessatti guyyaa guyyaan qe’ee isaatti rasaasaan waadamuu erga ta’ee waggoota ja’a lakkoofsiseera.
Sabicha lafa irraa duguuguuf akkuma koree ajjeechaa qondaaltonni olaanoo impaayerattii hundeessanii hawaasa nagaatti bobbaasaniin hawaasni nagaanis lafa isaa irraa duguugamaa jira.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 17, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda Hanqataa Waariyoo jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Huseen Jibriil jedhamu rasaasaan waadanii ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattotni jedhanitti dargaggoo kanas sababa tokko malee maaliif ija hamaan nu ilaalta jechuun akka ajjeesanis himan.
Aanicha keessatti namoonni nagaan sababa tokko malee maqaa WBO deggarta jedhamuun ajjeefamuu bira darbee mana hidhaatti guuramuun booda mana hidhaa irraa baafamuun dhoksaan akka ajjeefamanis himaniiru.

