• Sat. Mar 14th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Darraa keessatti dargaggoon tokko waraana sirnichaan ajjeefame

Apr 21, 2024

ONM-ABO Ebla 19, 2024 Hireen uummata Oromoo bara murni bilxiginnaa aangoo impaayerittii irra jiru keessatti guyyaa guyyaan qe’ee isaatti rasaasaan waadamuu erga ta’ee waggoota ja’a lakkoofsiseera.

Sabicha lafa irraa duguuguuf akkuma koree ajjeechaa qondaaltonni olaanoo impaayerattii hundeessanii hawaasa nagaatti bobbaasaniin hawaasni nagaanis  lafa isaa irraa duguugamaa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 17, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Darraa ganda  Hanqataa Waariyoo jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Huseen Jibriil jedhamu rasaasaan waadanii ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti dargaggoo kanas sababa tokko malee maaliif ija hamaan nu ilaalta jechuun akka ajjeesanis himan.

Aanicha keessatti namoonni nagaan sababa tokko malee maqaa WBO deggarta jedhamuun ajjeefamuu bira darbee mana hidhaatti guuramuun booda mana hidhaa irraa baafamuun dhoksaan akka ajjeefamanis himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading